Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Rippaablikni Koongoo damee Loltummaan waloon hojjechuu dandeessisu sanadaa waliigaltee mallatteessaniiru.
Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Rippaablika Koongoo Chaarlas Riichaard Moonjoo waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, biyyoonni lameen damee loltummaan tumsaafi qindoominaan hojjechuu akkaataa dandeessisuurratti marii geggessaniiru.
Injiinar Ayishaa Mahaammad wayita kanatti, Itiyoophiyaa fi Rippaabilikni Koongoo hariiro dippiloomaasii waggoota dheeraa lakkoofsise qabaachuu dubbatan.
Biyyoonni lameen bu’aalee indaastirii loltummaa, haaromsa meeshaalee waraanaa, leenjii barnootaa, ergama nageenyaa fi dhimmoota biroorratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteesaniiru.
Waliigaltichi biyyoonni lameen dandeetti loltummaatti waloon fayyadamuuf carraa kan uumuuf ta’uun eerameera.
Chaarlas Riichaardi Moonjoo gamasaaniin, waliigaltichi nageenyi fi tasgabbiin biyyoota lameenii caalmaatti akka guddatuuf gahee olaanaa bahataa jedhan.
Sanada waliigaltichaa hojiirra oolchuuf murannoo qabaachuus ibsaniiru.
Malaakuu Gaddiffiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.