Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee loltummaan tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee loltummaan tumsaan hojjechuuf waliigaltee isaan dandeessisu mallatteessan.

Itaamaajoor Shuumiin waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Itaamaajoor Shuumii waliigalaa Humna Waraanaa Zaambiyaa Leetanaan Jeefrii Zi’eel waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan nageenyaa naannawaa fi biyyootaa tasgabbeessuuf murannoon kan hojjettu ta’uu dubbatan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Hariiroo Zaambiyaa waliin jiru caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessan.

Leetanaan Jeefrii Zi’eel gama isaaniin, waliigalteen loltummaa biyyoonni lamaan mallatteessan tumsa fooyya’aa uumuun fayyadamummaa waloo caalmaatti guddisuuf qooda qabaachuu dubbatan.

Hoggantoonni Raayyaa Ittisaa biyyoota kanneenii waliigalticha kan mallatteessan yoo ta’u, kunis hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu fi dameewwan loltummaa adda addaan fayyadamummaa waloof hojjechuuf kan kaayyeffameedha jedhame.

Malaakuu Giddiftu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment