Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Hojiin Itiyoophiyaa qulqullooftuu mirkaneessuuf hojjetamu cimee itti fufa jedhe Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa.
Daayrektarri Olaantuun Abbaa taayitichaa Injinar Lalisee Nameen akka jedhanitti, Sosochiin Faalama Hir’isuu Biyyaalessaa Marsaa 2ffaan Caamsaa 28, 2017 gaggeeffama.
Sosochichi baatiiwwan 6’f kan gaggeeffamu yoo ta’u hubannoo uumuu, seerri kabajamuu mirkaneessuufi qaamolee muuxannoo gaarii qabaniif beekamtii kennuurratti xiyyeeffatas jedhan.
Sosochii Kanaan faalama bishaaniifi biyyee akkasumas asiidummaa biyyeerratti xiyyeeffannoon hojjetama.
Dabalataanis faalama qilleensaa keessumaa aara konkolaataa ittisuuf konkolaattota elektirikaa babal’isuurratti hojiin hubannoo uumuu akka hojjetamu kaasaniiru.
Naannawaan baadiyyaa faalamarraa bilisaafi jireenyaaf mijataa akka ta’uuf hojii misooma kooridarii baadiyyaa cimsuuf kan hojjetamu ta’uus hubachiisaniiru.
Faalama sagalee ittisuu, qabiinsaafi dhabamsiisa balfaa keessumaa kuufama keemikaalota hamoo haalaan dhabamsiisuurratti kan hojjetamu ta’uu kaasanii, sochicharratti lammiilee miiliyoona 15 kallattiin hirmaachisuuf karoorfameera jedhan.
Itiyoophiyaa qulqulloofte dhalootaatti dabarsuuf hawaasni hundi gaheesaa akka bahatu gaafataniiru.
Malaakuu Gadifiin.