Finfinnee, Amajjii 17, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa, Taanzaaniyaa fi Keeniyaan waliigaltee gurgurtaa humna Elektirikaa walii mallatteessaniiru.
Waliigalteen kun baatii Eblaa keessa hojiirra kan oolu yoo ta’u, walitti dhufeenya daldalaa fi dinagdee naannichaaf bu’aa guddaa qaba jedhame.
Humnni Elektirikaa Itiyoophiyaa, Dhaabbanni Dhiyeessii Humna Ibsaa Taanzaaniyaa, fi Dhaabbanni Dabarsa Humna Ibsaa Keeniyaa gurgurtaa humna elektiriikaa garee sadii irratti mari’achaa turaniiru.
Ragaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa irraa argame akka agarsiisutti dhaabbileen kunneen marii gama sadee xumuranii gamaaggamuun waliigaltee mallatteessaniiru.
Haaluma kanaan Itiyoophiyaan Taanzaaniyaa waliin waliigaltee gurgurtaa humnaa kan mallatteessite yoo ta’u Keeniyaan ammoo Taanzaaniyaa waliin waliigaltee Liizii sarara dabarsuu mallatteessitee jirti.
Waliigaltee kana kan mallatteessan Dhaabbata Humna Elektirikaa Itoophiyaatti Daayrektarri Qajeelcha Seeraa Mirkanah Yiggazuu, Dhaabbata Dabarsa Humna Ibsaa Keeniyaa (KETRACO)tti Hogganaa Tarsiimoo Godfrey Kariuki, fi Dhaabbata Dhiyeessii Humna Ibsaa Taanzaaniyaatti Itti Aanaa Daayrektrera Karooraa, Qorannoo fi Invastimantii Renta Nge ( TANSCO) ta’uun beekameera.
Waliigalteen gurgurtaa humnaa kun qondaaltota olaanoo biyyoottaniin erga mirkanaa’ee, Ebla bara 2017 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’uun ibsameera.
Waliigaltee kanaan Itiyoophiyaan humna ibsaa meeggaa waattii 100 Taanzaaniyaaf ni gurgurti.
Daayrektarri Kutaa Seeraa Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Mirkanah Yiggazuu marii gama sadan galmaan ga’uuf biyyoonni tattaaffii taasisaa jiraniif galata guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Waliigalteen garee sadii kun gurgurtaa anniisaa bira darbee walitti dhufeenya daldalaa fi diinagdee naannichaaf bu’aa guddaa qabas jedhan.
Itiyoophiyaa fi Keeniyaa gidduutti waliigalteen gurgurtaa humnaa mallattaa’ee hojiirra oolaa akka jiru kan eeran Daayrektarichi, gurgurtaa humnaa kanaan sharafni alaa guddaan argamuus eeraniiru.
Waliigaltichis Ityoophiyaan karaa Keeniyaa humna ibsaa gara Taanzaaniyaatti gurguruuf mirga kan kennu ta’uu daayrektarichi ibsaniiru.
Itti aanaan Daayrektarri Karoora, Qorannoo fi Invastimantii Dhaabbata Dhiyeessii Humna Ibsaa Taanzaaniyaa, Renta Ndege, mariin kun milkaa’inaan xumuramuu isaatiin gammachuu isaanii ibsuun, dhaabbileen hojiirra oolmaa isaaf kutannoodhaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Hogganaan Tarsiimoo Dhaabbata Dabarsa Humna Ibsaa Keeniyaa Godfrey Kariuki gama isaaniitiin marii gurgurtaa humna ibsaa garee sadii milkaa’inaan xumuruu isaaniif ogeeyyii dhaabbatichaaf galata guddaa akka qaban ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia