Itiyoophiyaafi Amerikaan tumsa diinagdee isaanii cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen hoggantoota olaanoo Ministeera Maallaqaa Ameerikaa waliin haala tumsa diinagdee biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Marii walga’ii waggaa Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa cinaatti gaggeeffame Kanaan qaamoleen lameen dhimmoota waloo biyyoottan lameeniirratti mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiideen wayita kana bu’aalee fooyya’iinsa diinagdee mandhaleen argaman hoggantoota kanneeniif ibsaniiru.

Mootummaan sirna bulchiinsaa cimsuufi naannawaa daldalaafi invastimantii fooyyessuuf kutannoo qabaachuus eeraniiru.

Hoggantoonni olaanoo Mana Qopheessaa Ameerikaa gama isaaniin, bu’aalee fooyya’iinsa diinagdee Itiyoophiyaan argaman dinqisiifachuun Ameerikaan dhaabbilee maallaqaa idil-addunyaa waliin ta’uun akkasumas hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuun ce’umsa diinagdee kana deeggaruuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen lameen mariiwwan akka kanaa itti fufsiisuun dameewwan diinagdee dursi kennamuuf cimsuuf akkasumas misooma waaraa mirkaneessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama: t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment