Finfinnee, Amajjii 26, 2018 (FMC)– Itiyoophiyaafi Galaanni Diimaan adda bahanii jiraachuu hin danda’an jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif deebiifi ibsa kennaniin, Mootummaafi Uummanni Itiyoophiyaa Galaana Diimaa fayyadamuuf naman ajjeessa hin jenne; mariin akkasumas seera gabaan dhimmicha haa hiiknu jenne jedhan.
Nutis qooddachuu qabna isaanis deeggaruu qabu; Itiyoophiyaa miidhuun bu’aa qabeessa ta’uun hin danda’amu jedhaniiru.
Namni ulaan galaanaa Itiyoophiyaa hin barbaachisu jedhee yaadu seera uumamaa dagateera; Galaanni Diimaafi Itiyoophiyaan yoomiyyuu adda bahanii jiraachuu hin danda’an jechuun ibsaniiru.
Naannawaan gaanfa Afrikaa naannawaa uummattoonni hariiroo aadaafi afaanii qaban jiraatan ta’us naannawaa dorgommii olaanaafi giddu seentummaan jiru ta’uus kaasaniiru.
Naannawichi rakkoo mataasaa kan qabu ta’uufi rakkoo kana babal’isuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Tibbana Pirezidaantonni Jibuutiifi Soomaaliyaa gara Itiyoophiyaa dhufuu fi aadaafi afaan walfakkaatuun uummata waliin waliigalanii akka turan dubbataniiru.
Ollaan tokko gaachana ta’uu osoo qabuu rasaasa dabarsee kan kennu ta’ee hafe jechuun, rakkoo kana furuuf tattaaffii olaanaan taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.