Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Gamtaan Awurooppaa dameewwan garaagaraan tumsa isaanii cimsuuf waliigaltee mallatteessan.
Waliigalticha Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee fi Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Voondar Leeyan mallatteessaniiru.
Waliigatichi tumsa dameewwan dijiitaalaayizeeninii, humna haaromfamaa, qonnaafi sirna nyaataa, bu’uuraalee misoomaa fayyaa akkasumas nageenyaafi tasgabbiin qaban cimsuurratti kan kaayyeffate.
Waliigalticha dura Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Pirezidaantii Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuulaa Voondar Leeyan waliin mari’ataniiru.
Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen wayita kana Gamtaan Awurooppaa tumsa Itiyoophiyaa waliin qabu daran jabeessuuf gama sagantaa ‘Gilobal Gateway’ mul’ata tarsiimawaa waloo bocuun yeroo sirrii ta’etti ifoomuu kaasaniiru.
Waliigaltichi hariiroo dippiloomaasii waggoota dheeraaf ture guddisuun waliigaltee tumsaa bara faranjootaa 2016 mallatteeffameef dandeettii dabalataa kan ta’u ta’uunis ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.