Finfinnee, Guraandhala 7, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaafi Tumsa Idil-addunyaa Iswaatiinii Fooliil Diilaamiinii Shaakaantuu waliin mari’ataniiru.
Hoggantoonni lameen haala tumsa daldalaafi invastimantii akkasumas hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’atan.
Keessumaa oomisha sukkaaraa fi damee tuurizimii irratti haala tumsaan hojjechuu danda’anirratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.