Itiyoophiyaafi Keeniyaan tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Keeniyaan tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigalticha Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaafi Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Chaarlis Muuriiyyuu Kaahaariiriin mallatteessaniiru.

Qaamoleen lameen Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisaatti marii gam-lamee erga gaggeessaniin booda dameewwan waliin hojjechuu danda’anirratti tumsa loltummaa kan waliif mallatteessan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayita kana, biyyoonni lameen hariiroo waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisanii, tumsi dameewwan loltummaan qaban cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Keeniyaa waliin shaakala loltummaa waloo, indaastirii loltummaa, shororkeessummaarratti qabsaa’uu, nageenya daangaa fi dhimmoota loltummaa biroorratti waliin hojjechuuf walii galuu ibsuu isaanii Qopheessaa Olaanaan Miidiyaa Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Leetenaal Koloneel Wuubisheet Chakkol Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.

Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Chaarlis Muuriiyyuu Kaahaariirii gamasaaniin, hariiroon Itiyoophiyaafi Keeniyaa seenaarra darbee hariiroo aadaa, uummattootaa fi ji’oogiraafii irratti kan hundaa’e ta’uu eeraniiru.

Waliigalteen biyyoonni lameen waliif mallatteessan biyyoottan lameenirra darbee nageenyaafi tasgabbii naannawichaa keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsuun, Keeniyaan Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment