Finfinnee, Onkololeessa 16, 2019 (FMC)- Ministirri Raayyaa Ittisaa Obbo Mahaammad Idiriis Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kuwaataar Sayid Mubaarak Sayid Alii Jaafaar Almiinoo waliin marii gamlamee taasisaniiru.
Obbo Mahaammad Idriis wayita kana, Kuwaatar waraana tumsa humnoota farreen nageenyaan nageenya uummataafi Itiyoophiyaa booressuuf kayyeffate ilaalchisee ibsi baste kutannoo biyyattiin dhugaa bira dhaabbachuuf qabdu akka agarsiise ibsuun galateeffataniiru.
Yeroo ittaanuttis hariiroo loltummaa biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu marichaan ka’eera.
Ambaasaaddar Sayid Mubaarak Sayid Alii Jaafaar Almiinoo gamasaaniin, marichi Ministira Raayyaa Ittisaa haaraa obbo Mahaammad Idriis waliin wal baruufi hariiroo loltummaafi hundagaleessa biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf karra banuu ibsaniiru.
Tumsawwan garaagaraa dhimmoota nageenyaa naannawaafi idil-addunyaa irratti kabajaafi faayidaa biyyaalessaa biyyoota lameenii kabachiisuu danda’an taasisuuf mari’achuutti gammaduu ibsuu isaanii ragaan Miidyaa Oonlaayinii Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa