Itiyoophiyaafi Raashiyaan damee Ispoortiin tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Raashiyaan damee Ispoortiin tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Nafiisaa Almahiidiin Ministira Ministeera Ispoortii Federeeshinii Raashiyaa Mikaa’el Deegitiyaareev waliin dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Nafiisaa Almahiidiin wayita kana akka jedhanitti, hariiroo baroota dheeraa kan qaban Itiyoophiyaafi Raashiyaan dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechaa jiru.

Tumsa kana damee Ispoortiin cimsuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Itiyoophiyaan damee misooma Ispoortiin leenjiiwwan, saayinsii Ispoortii, sirna nyaataafi Bulchiinsa Akkaadaamii Ispoortii akkasumas ce’umsa teeknooloojiirratti Raashiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Mikaa’el Deegitiyaareev gamasaaniin, hariiroo keenya cimsuun damee Ispoortiin waliin ni hojjenna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment