Finfinnee, Hagayya 14, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaafi Raashiyaan tumsa damee teeknooloojiin qaban cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Eevgeenii Teerkiin.
Ambaasaaddar Eevgeenii Teerkiin sosochii hojii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Warquu Gaachanaa wayita kana, hojiilee dhaabbatichi imala ce’umsa diijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti hojjechaa jiru irratti ibsa kennaniiru.
Hojiileen qorannoofi misoomaa inistiitiyuutichi hojjetu dameewwan hawaasummaafi diinagdee Itiyoophiyaatti dursi kennamuuf keessatti milkaa’inni guddaan akka galmaa’u dandeessisuu dubbataniiru.
Ambaasaaddar Eevgeenii Teerkiin gamasaaniin, Itiyoophiyaafi Raashiyaan hariiroofi tumsa waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisaniiru.
Biyyoonni lameen hojiilee qorannoofi misoomaa, misooma humna namaa fi ce’umsa teeknooloojii irratti tumsaan hojjechuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.
Tumsa biyyoonni lameen damichaan qaban tattaaffii biyyoonni miseensota BRICS hubannoo namtolchee guddinafi fayyadamummaa waloof taasisan waliin kan walsimu ta’uu ibsuusaanii ragaan Inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia