Finfinnee, Bitootessa 9, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaafi Xaaliyaaniin waliigaltee idaa siqsuu mallatteessuun tumsa tarsiimawaa isaanii cimsan.
Waliigalticha Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Ministirri Ministeera Diinagdee fi Faayinaansii Xaaliyaanii Jiiyaankaarloo Joorgeetiin mallatteessaniiru.
Waliigaltichi tumsa tarsiimawaa misoomaa biyyoota lameenii kan cimsuufi fooyyessii diinagdee gooroo Itiyoophiyaa kan deeggaru ta’uun ibsameera.
Waliigalteen kun bu’uura hammattoo waloo adeemsa koree liqeessitootaa biyyoota miseensa garee 20’n mallattaa’uu eerameera.
Obbo Ahimad Shiideen wayita kana waliigaltee kanarra gahuuf hirmaannaa Xaaliyaaniin goote dinqisiifataniiru.
Jiiyaankaarloo Joorgeetiin gama isaaniin, waliigaltichi dhimmoota fooyyessii diinagdee gooroo Itiyoophiyaan dursi kennamuuf waliin kan walsimu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.