Itiyoophiyaa,Gargaaramtummaa Irraa Gara Birmaddummaatti…

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan gargaaramtummaa irraa baatee gara omisha gabaa alaatti erguutti ce’uun boqonnaa haaraa imala seena qabessaa fi birmaddummaa dinagdeeti.

Maqaan Itiyoophiyaa waggoota kurnee hedduuf waltajjii idil-addunyaa irratti hanqina wabii nyaataa fi hirkattummaa gargaarsaan wal qabatee tureera. Haa ta’u malee, yaadama Ida’amuun bu’uureffachuun dhiyeenya kana imalli tarsiimawaan biyyattiin seenaa hirkattummaa kana jijjiuruun, gara omishtummaa fi oomisha gabaa alaatti erguutti ce’uuf geggeessaa jirtu boqonnaa seenaa haaraa banaa jira.

Ceumsi kun jijjiirama imaammataa qofa osoo hin taane, sosochii biyyaalessaa kabaja biyyaa fi bilisummaa dinagdee mirkaneessuu ti.

Ce’umsi seenaa kun kan bocame hammattoo Fooyyessa Dinagdee Mandhalee Biyyaalessaa jalatti.

Mootummaan gargaarsaa fi liqii alaa eeggachuu irra dandeettii biyya keessaa cimsuu irratti xiyyeeffannoo kenneera. Keessattuu qonna ammayyeessuu, misooma jallisii bal’isuu fi qonnan bulaa teeknoolojiin deeggaruun ka’umsa ijoo ce’umsa kanaa ta’aniiru.

Mirkaneessi guddaan ceumsa Itiyoophiyaa hirkattummaa irraa gara oomisha gabaa alaatti erguutti imalaa jiru milkaa’ina misooma jallisii qamadii bonee irratti galmeeffameedha. Kanaan dura qamadiin waggatti al tokko rooba gannaa qofaan omishamaa ture , hirkattummaa bokkaa irraa walaba gochuun bona keessa jallisiin omishuun jalqabameera.

Kanaanis maallaqa sharafa alaa miliyoonaan lakkaa’amu biyyattiin bittaa qamadiitiif baasaa turte baraaruun danda’ameera. Itiyoophiyaan fedhii biyya keessaa guutuun omisha irraa hafaa gara biyyoota ollaa fi gabaa idil-addunyaatiif erguu jalqabdee jirti.

Utubaan ce’umsa kanaa kan biraan ammoo sosochii biyyaalessaa Maaddii Guutuu ti. Sagantaan kun xiyyeeffannoo isaa horsiisa lukkuu, omisha aannanii, kanniisaa fi misooma foonii irra godheera.

Tokkoon tokkoon jiraataa baadiyyaa fi magaalaa boroo manaa isaatti sirna nyaataa isaa akka fooyyessuu fi omisha irraa hafaa gabaatti dhiheessuun galii akka argatu ta’eera.

Sosochiin kun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, hawaasni jireenya harkaa-gara-afaanirraa ba’ee gara hojii daldalaatti akka cehu gumaacha guddaa godheera.

Damee qonnaan alatti, fooyya’iinsa imaammata indaastrii fi daldalaa hojiirra oolchuun Itiyoophiyaan damee daldala alaa ishee guddisuu fi gosoota omishaa baay’isuuf hojiiwwan bal’aa hojjachaa jirti.

Bunni, sanyiiwwan zayitaa fi bu’aaleen gogaa dheedhii qofa erguu osoo hin taane, sona itti dabaluun akka ergaman gochuun galii sharafa alaa guddiseera.

Tarkaanfiiwwan imaammata maallaqaa dhiheenya kana fudhataman, gabaa sharafa alaa walaba gochuu dabalatee, ergitoonni gabaa idil-addunyaa irratti dorgomoo akka ta’anii fi daldala kontirbaandii hir’isuu keessatti gahee guddaa taphachaa jiru.

Walumaagalatti, imalli Itiyoophiyaa hirkattummaa irraa gara gabaa alaatti taasisaa jirtu dhimma wabii nyaataa mirkaneessuu qofa miti. Bilisummaa murtii siyaasaa fi dinagdee biyyaa mirkaneessuuf tarkaanfii guddaadha.

Hojiin kun cimee yoo itti fufe, Itiyoophiyaan mul’ata ishee gombisaa nyaataa Afriikaa bahaa ta’uuf qabdu waggoota dhihoo keessatti dhugoomsuu akka dandeessuu shakkii hin qabu

Comments (0)
Add Comment