Finfinnee, Amajjii 24, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan abdii qofa osoo hin taane biyya hojii fi bu’aa qabatamaa ta’aa jirti jedhan Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa.
Obbo Tamasgeen Xurunaa pirojeektiin 2ffaa qaama ”Gabataa Lahagar” ta’ee fi lafa heektaara 385 irratti ijaarame Rizoortiin Shabalee Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuu ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.
Rizoortichi Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa bakka ga’umsa tuurizimii angafaa akka taatuuf imala eegalame dachaan akka sissi’eessu ibsaniiru.
Milkaa’inoota tattaaffii yaadarraa hanga bu’aa qabatamaatti Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin maddisiifamanii kan ta’an pirojeektonni ”Gabataa” keennaawwan kuufamoo biyya keenyaa gara adunyaatti baasaa jiru jedhan.
Pirojeektonni Yaadama Ida’amuun ijaaramaa jiran kunniin humna qabanu qindeessuun bu’aa fi ol-kaa’innsa caaluuf akka imallu kan gargaaran jechuunis ibsan.
Riizoortiin Shabalee nannoon Somaalee bu’aawwan inniisheetiivoota misooma biyyaa irraa akka fayyadamu gargaaruu bira darbee, damee tuurizimii baha Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu akka ta’es kaasan.
#Oromia #Ethiopia