Itiyoophiyaan adeemsa miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa yeroo qabameefitti xumuruuf kutannoo qabaachuu ibsite

Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan adeemsa miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa yeroo qabameef keessatti xumuruuf kutannoo qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny ibsan.

Walga’ii Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamaa jiruun cinaatti adeemsa miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Itiyoophiyaafi Uuzbeekistaan ilaalchisee mariin sadarkaa olaanaa gaggeeffameera.

Milkaa’inni riifoormii diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa gaaffii miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaaf akeeka inni qaburratti Dooktar Iyyoob ibsa taasisaniiru.

Itiyoophiyaan Walga’ii Ministirootaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 14ffaa walakkeessa bara dhufuu Kaameeruunitti gaggeeffamu irratti adeemsa miseensummaa ishee xumuruuf kutannoon kan hojjettu ta’uus ibsaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Niigoozii Ookoonjoo Iiwiilaan gamasaaniin, adeemsi miseensummaa Itiyoophiyaafi Uuzbeekistaan akka ariifatuuf dhaabbileen deeggarsa teekinikaafi ijaarsa dandeettii akka taasisan waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment