Finfinnee, Amajjii 8, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan badhaadhina egeree ilaalcha keessa galchuun damee faayinaansii ammayyeessaa jirti jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka argamanitti, konfiransiin guddina faayinaansii Itiyoophiyaa dhaabbilee faayinaansii mootummaa ijoo fi dameelee faayinaansii biroo hirmaachise gaggeeffameera.
Konfiransicha ilaalchisee obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, dameewwan riifoormiin Itiyoophiyaa milkaa’ina itti argamsiisaa dhufe keessaa dameen faayinaansii tokko ta’uu ibsan.
Cabiinsota turan suphuun, rakkoolee yeroo ammaa dandamachuun fi egeree ilaalacha keessa galchuun Itiyoophiyaan damee faayinaansii ishee ammayyeessaa jiraachuus eeraniiru.
Bulchiinsa faayinaansii ammayyeessuun, waliin ga’iinsa faayinaansii babal’isuun fi qabeenya biyya keessaa haaraa uumuun Itiyoophiyaan imala badhaadhinaa ishee saffisiisaa jirti jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.