Itiyoophiyaan bakka Pirezidaantii Itti aanaa Ispoortii Aadaa Afrikaa argachuun ishee kan jajjabeeffamudha- Aadde Shawiit Shaankaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan bakka Pirezidaantii Itti aanaa Ispoortii Aadaa Afrikaa argachuun ishee kan jajjabeeffamudha jedhan Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaan.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Misooma Aadaafi Ispoortii raawwii karoora kurmaana jalqabaa bara 2018 ministeerichaa gamaaggameera.

Aadde Shawiit Shaankaa wayita kana Ministeerichi damee misooma Ispoortiin dhaloota dammaqaa, gahumsa qabuufi injifataa uumuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jira jedhan.

Sadarkaa sadarkaan manneen barnootaarraa hanga waltajjii idil-addunyaatti dargaggoonni hedduun galmaa’uu eeranii, sadarkaa idil-addunyaatti hirmaannaa garaagaraa taasisuun waancaa argachuun akka danda’ame ibsan.

Ispoortiin bu’aa adeemsa yeroo dheeraa waan ta’eef jijjiirama waaraa fiduuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Itiyoophiyaan Feestivaala Ispoortii Chaayinaatti gaggeeffamerratti damichaan bayyanachaa jiraachuu akka agarsiiste ibsuu isaanii odeeffannoo Ministeerichi Faanaa Dijiitaaliif erge ni mul’isa.

Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf miseensa Ispoortii Aadaa Afrikaa ta’uurra dabartee bakka Pirezidaantii Itti aanaa Ispoortii Aadaa Afrikaa argachuun ishee kan jajjabeeffamu ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment