Finfinnee, Caamsaa 15, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf daandii misoomaa sirriirratti kan argamtu ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsan.
Dooktar Laggasaan hoggantoota Mootummaa Federaalaa fi Naannolee waliin ta’uun Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Qamadii Jallisii Boneen misoome daawwataniiru.
Misoomichi dinqisiisaa ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan Fooyyessa Diinagdee biyya keessaan damee qonnaa dabalatee damee misoomaa hedduurratti hojiilee bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Biyyattiin birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi eeggattummaarraa gara oomishtummaattti ce’uuf kallattiin misoomaa qabatte daandii sirrii ta’uu hojiileen hojjetaman agarsiiftuudha jedhan.
Mootummaan sagantaa maaddii guutuu babal’isuu, tajaajila fooyyessuu, oomishtummaa guddisuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu Dooktar Laggasaan ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia