Itiyoophiyaan biyya abdii hedduun guutamteedha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 29, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan biyya abdii hedduun guutamteedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hoosaa’inaatti kabajamaa jirurratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Dooktar Abiy ergaa isaaniin, Itiyoophiyaan biyya hundi walqixxummaa, obbolummaa fi tokkummaan keessa jiraataniidha jedhan.

Biyyattiin abdii hedduu qabdi kan jedhan Dooktar Abiy, faayidaa biyyaalessaa dursuun badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuuf ni hojjenna jedhan.

Gootummaa abbootii keenyarraa dhaalleen badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuun gahee dhaloota kanaa ta’uu dubbataniiru.

Hojiileen jalqabbii gaarii qaban badhaadhina Afrikaaf fakkeenya ta’uu danda’an hedduun hojjetamaa jiraachuus kaasan.

Itiyoophiyaanoonni tokkummaan hojjechuu yoo hin dandeenye badhaadhinni kan yaadamne ta’uu ibsuun, Seeneessa waloo ijaaruun murteessaadha jedhan.

Itiyoophiyaanoonni walkabajuu fi tokkummaan dhaabbachuun faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu qabu jedhan.

Nageenya haa waareessinu, mariitti haa amannu, hanna haa balaaleeffannu, kabaja uummata keenyaa haa dursinuu fi birmadummaa keenyaa gama hundaan haa mirkaneessinu jechuun dhaamaniiru.

Qormaanni kamuu, Itiyoophiyaa badhaadhuu irraa hin dhorkuus jedhan.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment