Finfinnee, Sadaasa 14, 2018(FMC)- Yaa’ii Miseensota Garee 20 irratti Itiyoophiyaan biyya tumsaan hojjettuu fi furmaata dhiyeessitu ta’uu ishee agarsiisuun danda’ameera jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos yaa’icharratti hirmaannaa Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan yaa’ii miseensota Garee 20 irratti hirmaachuun faayidaa guddaa qabaachuu ibsan.
Yaa’icharratti ejjennoo, fedhii akkasumas ajandaawwan akka Afrikaatti ka’uu qaban kaafaamuu dubbataniiru.
Yaa’ichaan cinaatti biyyootaafi dhaabbilee hedduu waliin mari’achuuf akkasumas tumsaafi hariiroo cimsuuf carraan uumamuu eeraniiru.
Sirni diinagdee haqa qabeessaafi guddina biyyoota hunda kan saffisiisu akka ta’uufi Afrikaan dandeettii guddaa qabaachuu isheef bu’aalee Itiyoophiyaatti argaman mul’isuun danda’amuu dubbataniiru.
Karaa itti dhaabbileen idil-addunyaa fi biyyoonni eegumsa naannoofi qabeenya qilleensaa irratti tumsaan hojjechuu danda’an akeekamuus ibsan.
Gama Kanaan Itiyoophiyaan deeggarsa kan gaafattu osoo hin taane qaama furmaataafi tumsaan kan hojjettuu akka taate agarsiisuun danda’ameera jedhan.
Biyyoonni Afrikaa idaa kaffaluuf baasiin baasan sosochii misoomaa isaanii danquufi Itiyoophiyaan liqaa daldalaa dhaabuun dandeettii isheen diinagdee ishee fooyyessuuf imalte agarsiisuun hundi sosochii kana deeggaruu akka qabu hubachiisuun akka danda’ames eeraniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.