Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Walga’iin Ministiroota Maallaqaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa 25ffaan Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameera.
Walga’ichaan tumsa Diijitaalaa dhimmoota caalmaatti cimsuu danda’anirratti mari’atameera.
Ministiroonni kunneen waa’ee walitti makamuu diijitaalaa fi hammattoo imaammataa baajata bara 2023 ragga’e irratti ibsa kennaniiru.
Kanaanis biyyoonni raawwii gaarii galmeessuu kan eerame yoo ta’u, Itiyoophiyaan biyyoota damee Diijitaalaan raawwii gaarii galmeessan keessaa tokko ta’uu isheetu himame.
Raawwii gaarii Itiyoophiyaan damee Diijitaalaan galmeessite ilaalchisee Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi ibsa taasisaniiru.
Lammiileen miiliyoonni 19 ol eenyummeessaa Diijitaalaa galmaa’uu kaasan.
Ityoo Teeleekoomii bilisa gochuun Eegumsa odeeffannoo dhuunfaa fi seera nageenya saayibarii baasuun hojiilee hedduun hojjetamuu dubbatan.
Kanaanis bu’aa olaanaan galmaa’uu Dooktar Iyyoob Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.