Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan boqonnaa seenaa ijoorratti argamti jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Sirni baniinsa bara hojii 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi bara hojii 5ffaa Mana Maree Federeeshinii geggeeffameera.
Pireezidanti Taayyeen Sirna Baniinsa Mana Maree Federeeshinifi Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataarratti haasawa taasisaniin, hojiileen bu’uuraa haaraa hojjetamaa jiran carraa egeree biyyattii kan murteessaniidha jedhan.
Yeroon amma keessa jirrus qixa yerochi gaafatuu fi abshaalummaan, fayyadamuun danda’amnaan, egeree biyyattii amansiisaa fi seenaa keessatti kan leellifamu akka taasisu kan amanamudha jedhan.
Kanaas mootummaan biyyattii dandeettii biyyattiin qormaata mudatanii turan darbuun,dandeetti biyyaalessaa cimaa ijaaruu danda’uutti kan amanuu ta’uu kaasaniiru.
Addunyaan ce’umsa kallattiin isaa addaa hin baane keessatti kan argamtu ta’uu kaasanii ce’umsi kunis carraas,qormaataan kan qabuudha jedhan.
Ce’umsa kanarraas fayyadamuuf dandeettiin barbaachisu uumamaa jiraachuu eeran.
Carraa kana sirnaan fayyadamnaan, ce’umsa ji’oo polotikaa fi ji’oo ikkoonoomii idil addunyaa keessatti, biyya abdii qabeettii fi fakkeenya taatu ijaaruun akka danda’amu ibsaniiru.
Kana kan mirkaneesuu danda’uu ejjennoo cimaa fi shaakala gabbifanneerra jedhan.
Kanaaf imala olka’iinsa biyyattii mirkaneessuu eegalame galmaan ga’uuf bara baajataa 2018 keessatti mootummaan dameewwan hedduurratti xiyyeeffannan kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.