Itiyoophiyaan bu’aawwan qabatamaa damee fayyaatiin galmeessisteen, dandeettii fi humna Afrikaa agarsiisaa jirti – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Sadaasa 16, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan bu’aawwan qabatamaa damee fayyaatiin galmeessisteen, dandeettii fi humna Afrikaa agarsiisaa jirti jedhan Ministiorri Ministeeraa Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Yaa’iin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil Addunyaa 5ffaan Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisiitti taa’aamaa jira.
Hirmaattoonni biyyoota 100 ol irraa walitti dhufan kumni 30 ol yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Akkasuma damee Maallaqaa, Karooraa, Qonnaa fi Eegumsa Naannoo bakka bu’uun Ministiroonni 46 ol yaa’icharratti argamaniiru.

Yaa’icharratti muuxannoo bu’aa qabeessi Itiyoophiyaa, akkasuma, damee fayyaarraa darbee dameewwan biroon jijjiiramni hundagaleessi Itiyoophiyaan galmeessite dhiyaataniiru.

Kunis biyyattiin dandeettii hojii hojjechuu fi karoora qabatamaan raawwachuu qabaachuu gochaan kan agarsiise, ardii Afrikaatti Itiyoophiyaan amanamummaa akka argattuuf gumaacha guddaa taasiseera jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Itiyoophiyaan bu’aawwan qabatamaa damee fayyaatiin galmeessisteen, dandeettii fi humna Afrikaa agarsiisaa jiraachuu kaasuu ENA’n gabaasera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment