Itiyoophiyaan bu’uura seeraan faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiifachuu ejjennoon itti fufti – obbo Moggaa Abbaabulguu

Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC) – Tumsa Mootummaa fi Ummataan shira Ijipti injifannee hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa milkeessine jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Miseensi Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa obbo Moggaa Abbaabulguun.

Itiyoophiyaan wacaa fi iyyaaf gurra hin laattu, bu’uura seeraan faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiifachuu ejjennoon itti fufti jedhan.

Ijipti adeemsa gita bittaa hordofti, Itiyoophiyaan ammoo yaadama addunyaa jaarraa 21ffaa hordofuun injifannoo galmeessaa jirti jedhan.

Sosochiin Ijipti yeroo ammaa taasisaa jirtu dhiibbaan Itiyoophiyaarratti qabaatu akka hin jirre eeran.

Ummanni Itiyoophiyaa dhimmoota biyyaalessaatti ejjennoo tokko waan qabuuf shira, micciirraa, ololaa fi dhiibbaa garaagaraa taasiifamaa ture injifachuu dandeenya jechuun eeran.

Ammaas wacnii fi iyyi kamiiyyuu misooma eegalleerraa nu dhaabuu hin danda’u jedhan.

Shiraa fi wacaan osoo hin taane seeraa fi haqaan waan deemnuuf yeroo hunda ni injifanna.

Ijipti Itiyoophiyaa diiguu, bittinneessuu fi dadhabsiisuuf shirri xaxaa jirtu yoomiyyuu hin milkaa’u, har’aa mitii waggoota kuma 1 oliif dhama’aa turte, garuu hin milkoofne jechuun dubbatan obbo Moggaan.

Kaayyoon Itiyoophiyaa waloon fayyadamuu, waliin guddachuu fi tumsa naannawichaa cimsuu waan ta’eef, diinaa xiqqeessaa fira horachaa itti fufti jedhan.

Ammatti Itiyoophiyaan aggaammii keessaa fi alaa kamiiyyuu ga’umsaan qolachuuf irree cimaa qabaachuu kaasan.

Ummanni Itiyoophiyaa Seenessii gita bittaa fi olola diinaa qolachuu bareechee beeka jedhan obbo Moggaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasiisaniin.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment