Finfinnee, Caamsaa 11, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan bu’uuraalee konistiraakshiniin hojii bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin ibsan.
Damichaan carraa hojii uumuurra darbee bu’aan sadarkaa jireenya lammiilee waaraan fooyyessu hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Walga’iin Ardii Ogeeyyii Hojiirraa Dhaabbata Hojii Addunyaa 20ffaan Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi yaadota carraa hojii uumuu, hiyyummaa hir’isuufi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuu danda’an maddisiisuun tokkummaafi murannoon waloo kan itti mul’atu ta’uu ibsaniiru.
Jijjiiramni qabeenya qilleensaa, garaagarummaan dandeettii teeknooloojiifi walitti bu’iinsi rakkoolee carraa hojii uumuu mudatan ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota biroof rakkoon hojii dhabdummaafi jijjiirama qabeenya qilleensaa yaaddoo ta’uu kaasanii, kalaqniifi tarkaanfii qabatamaan murteessaa ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan Dhaabbata Hojii Addunyaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjettu kan ibsan aadde Caaltuun, mootummaan carraa hojii uumuufi misooma waaraaf murannoo qabaachuu dubbataniiru.
Damee konistiraakshinii keessumaa bu’uuraalee misoomaa daandii irratti xiyyeeffachuun carraa hojii uumuurra darbee jireenya lammiilee jijjiiruuf hojjechaa jira jedhaniiru.
Galma kana milkeessuuf mootummaan, dhaabbileen barnootaafi dameen dhuunfaa tumsaan hojjechuu akka qaban hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.