Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 akka qopheessituuf filatamuun ishee kutannoo damichaan qabduuf beekamtii kan kennedha jedhe Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa(IGAD).
Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo Itiyoophiyaan yaa’icha akka qopheessituuf filatamuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniin, Itiyoophiyaan yaa’icha akka qopheessituuf filatamuun qabeenya qilleensaafi misooma irratti qoodni ishee guddachaa dhufuu kan agarsiisudha jedhan.
Hojii biyyattiin guddina waaraafi dandeettii cimaa ijaaruuf hojjechaa jirtuuf beekamtii kan kenne ta’uus dubbataniiru.
Yaa’ichi naannawaa IGAD’f waltajjii murteessaa ta’uu kaasanii, hongee, buqqaatii lammiilee jijjiiramni qabeenya qilleensaa uumeefi hanqina bishaanii dabalatee ajandaalee biroof xiyyeeffannoo olaanaan akka laatamu taasisas jedhan.
Dhaabbatichi Itiyoophiyaa, Waajjira Hammattoo Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii fi deeggartoota idil-addunyaa waliin jijjiirama qabeenya qilleensaarratti furmaata waaraa fiduuf tumsaan kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
Kana malees waliigalteewwan faayinaansii qabeenya qilleensaa cimsan, tumsa naannawaa fooyyessan fi jijjiirama qabeenya qilleensaa Afrikaa furuuf dandeessisan irratti Itiyoophiyaa cina kan dhaabbatu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.