Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan Jijjiiramaan booda damee dippiloomaasiin faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf hojiilee milkaa’oo hojjechuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsan.
Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaan hojiilee damee dippiloomaasii itti fufsiisan ilaalchisuun paartichi murtoo dabarsuun ni yaadatama.
Murtoowwan paartichaan kennaman irratti Ambaasaddar Misgaanuu Argaan ibsa kennaniin, qajeeltoon hariiroo alaa paartichaa ijoon faayida biyyaalessaa eegsisuu fi biyyoota ollaa waliin misoomuu fi waloon guddachuu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan guddina waloo kana saffisiisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa akka jirtu kaasanii, kana milkeessuuf nageenya biyyoota ollaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aan hojjatamaniiru jedhan.
Itiyoophiyaan Karra Galaana argachuuf ejjennoo ifaan bara badhaadhinaa eegaluu himanii, gama kanaan daandiin deemame faayidaa biyyaalessaa sirnaan kabachiisuu kan dandeessise ta’uu akeekan.
Itiyoophiyaan dhiibbaa uumtummaa naannawichatti qabdu fayyadamuun guddina hunda galeessaa naannawichaaf kutannoon hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Akka biyyattis siyaas-dinagdee fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf akkasumas damee dippilomaasii lammiileerratti xiyyeeffachuun hojiilee hojjetamaniin, bu’aaleen gaggaariin galmaa’uu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia