Itiyoophiyaan damee Fasyinaansiin jijjiirama qabatamaa galmeessisteetti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajiii 26, 2018 (FMC) – Jijiiramoota baroota darban galmaa’an keessaa dameen faayinaasii tokko ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy walga’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti gaaffilee miseensota irraa dhiyaataniif deebii kennaniin rifoormiin damee faayinaansii irratti geggeeffame bu’aa qabatamaa fideera jedhan.

Jijjiramoota kanneen keessaa hammi dhalaa guddachuun humni baankotaa akka fooyya’u gochuun tokko akka ta’e kaasan.

Gama biraatiin kanaan dura gabaan faayinaansii Baankii Biyyaalessaa qofa irratti daangeffamee ture fooyya’uun baankonni walii isaaniirraa akka bitatan ta’uun jijjiiramoota gama kanaan galmaa’aan keessaa ti jedhan.

Indaasyiriin kun baankota biyya alaafis banamuu kan ibsan Dooktar Abiy, kunis damicha akka sissi’eessu eeran.

Baankonni biyya alaa warreen biyya keessaa irratti dhiibbaa akka hingeessisneefis, qoodni baankota biyya alaaf kenname %49 qofa ta’uu himanii, kunis baankonni biyya keessaa dorgommichaan akka hinliqimfamneef gargaara jedhan.

Dorgommi kana keessatti baankonni biyya keessaa walitti dabalamuu fi tekinooloojiin humna isaanii cimsachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Dinagdee biyyatti inveesteroota biyya alaaf banuun bu’aa akka fidu jijjiiramni gama damee tekinooloojiin galmaa’e ragaa tokko ta’uus kaasan.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment