Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) –Itiyoophiyaan damee Inarjiin guddina Ardichaaf waloon hojjechuuf murannoo qabdi jedhan Sadarkaa Ministira Muummeet Itti aanaatti hogganaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Yaa’iin Jalqabaa Ifiisheensi Inarjii Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Obbo Adam Faaraah wayita kanatti haasawa taasisaniin, qabeenya kuufama Inarjii Afrikaatti sirnaan fayyadamuuf tumsaa fi waloon hojjechuun barbaachiisadha jedhan.
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf waggoottan darban hojiilee hojjetteen hawaasa idil addunyaaf fakkeenya ta’uu ibsuun, Afrikaanis akka Ardiitti damichaan hojiilee ciccimoo hojjechuun irra eegama jedhan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad sagantaa Ashaaraa Magariisaan eegalchiisuun jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf dandeessiseera jechuun ibsaniiru.
Sagantichaan itti fayyadamni Inarjii Afrikaa murteessa ta’uu akeekaniiru.
Itiyoophiyaan waggoottan darban hojiin sagantaa Ashaaraa Magariisaan galmeessite Yaa’ii Cop 32 akka qopheessituuf filatamuu ishee yaadachiisan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.