Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC) – Ministira Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, Itiyoophiyaan riifoormii dinagdee biyya keessaa geggeessuun damee invastimantii dorgomaa ta’e ijaaraa jirti jedhan.
Fooramiin Bizinasii Ol’aanaa 4ffaan “Itiyoophiyaa keessatti Inveesti goodhaa” jedhu, mata-duree “Itiyoophiyaa Hojii Bizinasiif Qophoofte” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Obbo Tamasgeen Xurunaa sirna baninsaa kanarratti akka jedhanitti, hojiin riifoormii waggoota jijjiiramaa keessatti hojiirra oole bu’aa qabatamaa fideera.
Itiyoophiyaan riifoormii kanaan durfamaa, damee invastimantii dorgomaa, tilmaamamuu danda’uu fi mijataa ta’e ijaaraa akka jirtu dubbataniiru.
Akka ibsa isaaniitti, qaama riifoormii dinagdee kan ta’an dameewwan invastimantii adda addaa dorgommiidhaaf banaa gochuu fi Sirna jijjiirraa maallaqa alaa gabaan durfamu hojiirra oolchuun naannoon invastimantii Itiyoophiyaa caalaatti miijataa akka ta’u gargaareera.
Naannoon invastimantii Itiyoophiyaa qaamolee invast gochuu barbaadaniif guutummaatti mijataa ta’uu akka qabus kaasan.
Dabalataaniis, hanga haalli jireenya lammiilee Itoophiyaa karaa hiika qabuun fooyya’utti, milkaa’ina hanga ammaatti argameen dagachuu akka hin qabne addeessaniiru.
Fooramii kanarratti Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar, Preezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Teewodros Mihirat, Itti Aanaan Preezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah fi hoggantoonni mootummaa ol’aanoo biroon argamaniiru.
Fooramiin har’aa fi boru gaggeeffamu kanarratti bakka bu’oonni biyyoota adda addaas hirmaachaa jiru.
Laykun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia