Itiyoophiyaan dameelee garaagaraan dorgomtuu akka taatuuf hojii qulqullinaaf xiyyeeffannoon kenname- Dooktar Kaasaahuun Goofee

Finfinnee, Sadaasa 11, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan dameelee garaagaraan dorgomtuu akka taatuuf hojii qulqullinaaf xiyyeeffannoon kennameera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofee.

Torbeen qulqullinaa Addunyaa 14ffaan Itiyoophiyaatti kabajamaa jira.

Torbeen kun Mandara Qulqullinaatti kabajamaa kan jiru yoo ta’uu, dhaabbiileen mirkaneessi ragaa kennameef 150 hirmaachaa jiru.

Wayita kanatti Dooktar Kaasaahuun Goofeen haawasa taasisaniin, Itiyoophiyaan dameelee garaagaraan dorgomtuu akka taatuuf hojiileen qulqullinaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Haaluma kanaan oomishuu qofti gahaa miti kan jedhan Dooktar Kaasaahuun oomishaaleef sadarkaan qulqullina madaallii ta’uu kaasaniiru.

Torbeen Qulqullinaa kun Sadaasa 11-14, 2018 tti kan turu yoo ta’uu, qaamoolee dhimmi ilaallatuu akka hirmaataniif waamichi dhiyaateera.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment