Itiyoophiyaan dameewwan diinagdee ijoon guddina bu’aa qabeessa galmeessaa jirti – Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Sadaasa 26, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan dameewwan diinagdee ijoon guddina bu’aa qabeessa galmeessaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.

Obbo Ahimad Shideen Itti Aanaa Daayrektera Dhaabbata Maallaqa Addunyaa waliin ta’uun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan deeggarsi misoomaa dhaabbaticharraa waggoota lamaan darban keessa argatte seenaa biyyattii keessatti isa guddaa ta’uu ibsan obbo Ahimad Shideen.

Deeggarsa dhaabbatichaan hojiilee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiranii fi fooyyessii Diinagdee Gooroo ilaalchisee marii bu’aa qabeessa taasisuu himan.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana dameewwan diinagdee ijoon guddina jajjabeessaa galmeessaa jirti jedhan.

Biyyattiin fooyyessa Diinagdee Gooroo guutuu ta’e hojiirra oolchuun isheen guddinni hundagaleessa galmaa’uu ibsan.

Itti Aanaan Daayrektera Dhaabbata Maallaqa Addunyaa gama isaaniin, fooyyessii diinagdee mandhalee fi Riifoormii Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojiira oolchaa jirtu deeggaruuf dhaabbitichi murannoo qabaachuu mirkaneessan.

Hirmaannaa hundagaleessa damee dhuunfaa guddisuu fi guddina waaraa mirkaneessuuf deeggarsi eegalame cimee kan itti fufu ta’uu dubbachuu Ministeerichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen eerera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment