Itiyoophiyaan diinagdee cimaafi waaraa ijaaraa jirti- Dooktar Iyyoob Takkaalliny

Finfinnee, Adoolessa 11, 2017(FMC)- Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny Itiyoophiyaan diinagdee cimaafi waaraa ijaaraa jirti jedhan.

Konfiransiin Idil-addunyaa 22ffaan Waldaa Diinagdee Itiyoophiyaan qophaa’e gaggeeffamaa jira.

Dooktar Iyyoob konfiransicharratti haasawaa taasisaniin, fooyyessa diinagdee gooroo hojiirra ooleen bu’aalee hedduun argamaa jiru jedhan.

Invastimantiin alaa sadarkaa olaanaan dabalaa dhufuu kaasanii, oomisha waliigalaa biyya keessaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsan.

Bara baajataa itti aanutti qaala’iinsa gatii gara diijiitii qeenxeetti gadi buusuuf  hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaafi dhaloonni ammaa diinagdee cimaa ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiru jedhan.

Dhaloonni guddinaafi badhaadhina biyyaaf waloon dhaabbachuu akka qabu hubachiisuun, Itiyoophiyaan diinagdee cimaafi waaraa ijaaraa jiraachuu ibsan.

Konfiransicharratti hoggantoota mootummaa olaanoo, ogeeyyiin diinagdeefi qaamoleen qooda fudhattootaa argamaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment