Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf imaammataan deeggaramtee hojiilee hojjette ilaalchisee muuxannoo qabdu qooddetti.
Rakkoo Jijjiirama qabeenya qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf furmaanni qabeenya Uumama manca’e iddootti deebisuu qofa jedhan Ministir Deetaan Ministeera Pilaaniifi Misoomaa obbo Siyyuum Mokonnin.
Itiyoophiyaan diinagdee misooma magariisaan duurfamu ijaaruuf tattaaffii olaanaa gochaa turuu ibsaniiru.
Waggoottan darban keessa biqiltuuwwan biiliyoona 40 ol dhaabamuu dubbatan.
Yaa’iin Jijjiirama qabeenya Qilleensaa 2ffaa qopheessummaa Itiyoophiyaa fi Komishiniin Gamtaa Afrikaan Qaammee 3 – 5, 2017’tti Finfinneetti taa’ama.
Yaa’icha ilaalchisee bakka buutoota Faawundeeshinii Idil Addunyaa, dhaabbilee deeggartootaa fi Hawaasa Siiviilii waliin mariin gaggeeffameera.
Itiyoophiyaan diinagdee jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu ijaaruuf hojiilee qabatamaa raawwachuu Ministir Deetichi ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.