Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan eegumsa naannoo keessatti gahee olaanaa bahachaa jirti jedhan dippiloomaatonniifi abbootiin qabeenyaa.
Hoggantoonni Embaasii Chaayinaafi dhaabbilee alaa sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Saganticharratti kan hirmaatan Dippiloomaatii Olaanaan Embaasii Chaayinaa Liyuu Zhiyaawooguwaang, ashaaraan magariisaa tattaaffii waloo hawaasni idil-addunyaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf taasisuuti jedhan.
Chaayinaan qaama tumsa misooma magariisaa waan taateef gammachuu guddaatu itti dhagahamas jedhan.
Hariiroo biyyoonni lameen damichaan qaban guddachaa dhufuus kaasaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Saafaariikoom Itiyoophiyaa Wiim Vaanheelpuut gamasaaniin, ashaaraan magariisaa ittigaafatamummaa dhaabbileen mootummaa waliin ta’uun bahatan ta’uu ibsan.
Hojii Gaggeessaa Olaanaan Dhaabbata Piroofaayiliingiifi Ijaarsaa Itiyoophiyaa Maahiidii Zeemuuchiin, sagantaa ashaaraa magariisaa irratti hirmaachuu isaaniitti kabajni itti dhagahamuu eeruun, waamicha mootummaan taasise dinqisiifachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.