Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan ergama kabachiisa nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniif loltummaafi humna poolisii dabalataa bobbaasuun deeggarsa akka taasistu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.
Jilli Injinar Ayishaa Mahaammadiin durfamu Walga’ii Ministiroota Kabachiisa Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii Jarman Magaalaa Barliinitti gaggeeffame irratti hirmaateera.
Injinar Ayishaan waltajjichaarratti haasawaa taasisaniin, bu’uura gaaffii dhaabbatichaan Itiyoophiyaan loltummaafi yuuniitota poolisii hojii kabachiisa nageenyaaf akka bobbaastu waadaa galaniiru.
Itiyoophiyaan gama Inistiitiyuutii Leenjii Kabachiisa Nageenyaa Idil-addunyaa hundeessiteen gahee leenjiirratti bahattu cimsitee kan itti fuftu ta’uus mirkaneessaniiru.
Inistiitiyuutichi yeroo itti aanutti leenjii dubartootaa kabachiistota nageenyaa irratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibsuusaanii Gorsituun Kominikeeshinii Waajjira Ministeera Raayyaa Ittisaa aadde Simanyi Gizaawu Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyiin.