Itiyoophiyaan faayidaa hundagaleessummaa Teeknooloojii hubachuun bu’uuraalee misooma Diijitaalaa babal’isaa jirti – Tigist Hamiid

Finfinnee, Caamsaa 8, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan faayidaa hundagaleessummaa Teeknooloojii hubachuun bu’uuraalee misooma Diijitaalaa babal’isaa jiraachuu Daayrekterri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo BiyyaalessaaTigist Hamiid ibsan.

Afrikaa Bahaatti isa jalqabaa kan ta’e agarsiifni Teeknooloojii Finfinnee Gidduala Koonveekshiniitti Idil Addunyaa Addisitti banameera.

Teeknooloojiin Diinagdee hammataa ijaaruu fi kenniinsa Tajaajila ammayyeessuuf qooda olaanaa qabaachuun Tigist Hamiid saganticharratti dubbataniiru.

Itiyoophiyaan faayidaa hunda galeessummaa Teeknooloojii hubachuun bu’uuraalee misooma Diijitaalaa babal’isaa jiraachuu kaasaniiru.

Waraqaa Eenyummeessaa Diijitaalaa Biyyaalessaa, Inisheetiviin Leenjii Koodarsii miiliyoona 5, akkasumas hojiin Tajaajiloota Mootummaa gara Diijitaalaatti galchuu hojjetamaa jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.

Nageenya Saayibarii mirkaneessuuf bu’uuraan misoomaa Diijitaalaa ijoo ta’an ijaaramuu himuun, kunis lammiileen naannaawaa nageenyummaan mirkanaa’e akka jiraataan kan mirkaneessudhan jedhan.

Bulchiinsa nageenyaa Saayibariirrattu hawaasaaf hubannoo uumurra darbee, teeknooloojii ammaayyaan deeggaramuun dhaabbileef eegumsi taasifamaa jiraachuus kaasaniiru.

Dura Taa’aan mana maree Nageenya Saayibarii Emireetoota Araba Gamtoomanii Dooktar Mahaammad Alkuuwaatiin gama isaaniin, nageenya Saayibarii mirkaneessuun birmadummaa biyyaa mirkaneessuu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment