Finfinnee, Sadaasa 16, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan giddugala daldalaa fi loojistiksii Afrikaa akka taatuuf hojiin mootummaan hojjetame bu’aa fidaa jira jedhan Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar.
Arabaa Gamtoomanitti ergamaan addaa fi Ambaasaaddarri guutuun Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar hojii raawwachiisaa olaanaa “DP World’’ Sulxaan Ahimad Biin Sulaayeem waliin mari’ataniiru.
Marichi tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi dhaabbaticha gidduu jiru cimsuu irratti akka xiyyeeffate himameera.
Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar wayita kana akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan giddugala loojistiksii fi daldalaa Afrikaa akka taatuuf hojiiwwan mootummaan hojjetamaa jiran bu’aa fidaa jiraachuu ibsaniiru.
Misooma buufata lafarraan, bal’inaa fi ammayyummaa bu’uuraalee misoomaa loojistiksiin, akkasumas ulaawwan daldalaa baballisuu ilaalchisee dhaabbaticha waliin tumsaan hojjechuun naannawichatti daddarba oomishaalee ba’anii fi galanii sissi’eeasuuf xiyyeeffannaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Kunis kutannoo Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa dinagdee naannawichaa fi ardichaaf qabdu kan argisiisu ta’uu kaasanii, jalqabbii kana milkeessuuf “DP World” waliin tumsaan hojjechuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
Hoji raawwachiisaa olaanaan “DP World” Sulxaan Ahimad Biin Sulaayeem gama isaaniin, hojiin inveestimeentii dhaabbanni isaanii Itiyoophiyaantti hojjetaa jiru itti fufaa fi naannawichatti bu’aa tarsiimawaa akka qabu dubbataniiru.
Raawwii pirojeektota eegalamanii ariifachiisuun tattaaffii Itiyoophiyaan giddugala loojistiksii naannawichaa ta’uuf eegaltee akka deggeran mirkaneessaniiru.
Loojistiksii dijiitaalaan, fuuncaa dhiyeessii diriirsuun akkasumas ijaarsa zooniiwwan dinagdee bilisaa ilaalchisuun dameewwan tumsaa haaraa ilaaluuf michooma tarsiimawaa qaban cimsuuf waliigalaniiru.
Oromia #Ethiopia