Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Itiyoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 fi miiliyoona 14 fi kuma 700 dhaabuun fakkeenya taateetti jedhan.
Pireezidaanti Taayyeen duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sadarkaa biyyaalessaatti har’a gaggeeffame ilaalchisee miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaaniinis sagantaan ashaaraa magariisaa madaala uumamaa eegsisuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsan.
Ashaaraan magariisaa hojii kabajamaa uumama eeguun dhalootaaf dabarsuu ta’uu eeruun, sagantichi cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 fi miiliyoona 14 fi kuma 700 dhaabuun fakkeenya ta’uusheetti gammaduus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.