Itiyoophiyaan hariiroo Afrikaanotaa cimsuun qindoomina ardichaaf gahee ishee ni bahatti- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Hagayya 6, 2017(FMC) – Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaan hariiroo Afrikaanotaa cimsuun qindoomina ardichaaf gahee ishee ni bahatti jedhan.

Yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 12ffaan mata duree “ Siyaasarraa hanga Badhaadhinaa” jedhuun Gaanaa Magaalaa Akiraatti gaggeeffamaa jira.

Obbo Adam Faaraah ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, imalli tokkummaafi tumsa Afrikaanotaa baroottan cehee ammas bifa haaraan sadarkaa kanarra gaheera jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa aadaa siyaasaa ardichaaf faayidaa qabu beeksisaa jiraachuu eeruun, carraa argametti fayyadamnee ijaarsa biyyaarratti muuxannoo qabnu qoodneerras jedhniiru.

Carraa egeree dargaggoota Afrikaa sirreessuuf, diimookiraasii dhugoomsuuf, qoodiinsaafi fayyadamummaa qabeenya uumamaa haqa qabeessaaf gaheen paartilee siyaasaa Afrikaa maal ta’uu akka qaburratti bal’inaan mari’atamaa jiraachuu ifoomsaniiru.

Itiyoophiyaan abdii kaleessa wayita qabsoo gita bittaa uumte har’as yaadama dhaloota ida’amuun hariiroo Afrikaanotaa cimsuun qindoomina ardichaaf gahee ishee kan bahattu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment