Finfinnee, Hagayya 20, 2017(FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Itiyoophiyaan hariiroo daldalaafi invastimantii Siwiizarlaandi fi Maaltaa waliin qabdu cimsuuf ni hojjetti jedhan.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen turtii isaanii kan xumuran Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Siwiizarlaandi Taamraa Moonaa fi kan Maaltaa Roonaaldi Mikaaleefin gaggeessaniiru.
Hariiroon dippiloomaasii gam-lameefi gam-hedduu biyyoonni lameen Itiyoophiyaa waliin qaban akka cimuuf gahee ambaasaaddaroonni kunneen bahataniif Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen galateeffachuus TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.