Itiyoophiyaan hojiiwwan misoomaa hojjettu naannawicha kan walitti hidhan ta’uu qabatamaatti argisiisteetti – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Amajjii 24, 2018 (FMC) – Hojiiwwan misooma Itiyoophiyaan hojjettu ishee irra darbee naannawicha fayyadamummaa walootiin kan walitti hidhan ta’uu qabatamaatti argisiisteetti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilichi ibsa har’a baaseen, bu’aaleen yeroo ammaa guyyaa guyyaan labsaman Itiyoophiyaan humna hojii gurguddaa fi walxaxaa ta’e kamuu qindeessuu fi hoggnuu akka uummatte kan mul’isan ta’uu ibseera.

Aadaan kan eegalle xumurree dhalootaaf dabarsuu ijaaramaa dhufuun Itiyoophiyaa egereef abdii guddaa fidee kan dhufe ta’uu ibsichi eereera.

Guutuun ibsichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

“Abjuu irraa gara dhugaatti: Itiyoophiyaa mootora badhaadhinaa naannawichaa fi giddugala humna haaromfamaa Afrikaa!”

Itiyoophiyaan seenaa keessatti boqonnaa haaraa fi ifaa irratti argamti. Mul’atoonni kaleessa karoorsaa turre har’a hojiitti hiikamnii fayyadamummaan lammiilee kan ittiin mirkanaa’u, kabajni biyyaa kan ittiin haara’uu fi walitti hidhamiinsi naannawichaa kan ittiin cimu dhugaawwan jiraatoo dha.

Kaleessa hoggansa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin bakka hoggantoonni biyyoota naamnawichaa argamanitti pirojeektonnii eebbifaman Itiyoophiyaan fakkeenya badhaadhinaa Afrikaa ta’uuf qabatte milkeessuuf ejjennoo cimaa qabaachuu ishee kan mul’isanii dha.

Guyyaan seena qabeessi kun gam-tokkoon olaantummaa humna haaromfamaa irratti qabdu kan itti mirkaneeffattu madda annisa qillensaa Ayishaa-2, gama biraan ammoo damee tuurizimii fi dudhaalee aadaa kan olkaasu qaama ”gabataa latiwulid” kan ta’e Riizoortii Shabalee addunyaatti kan ittiin beeksistee dha.

Gochaaleen kunniin yaadamni id’amuu kan uuume mallattoowwan olka’iinsa Itiyoophiyaa abjuu irraa gara dhugaatti ce’anii fi wabii misooma waloo baha Afrikaa ti.

Injifannoo guddaan biyya keenyatti har’a mul’chaa jiru pirojeektonni xumuramanii eebbifamuu qofa osoo hin taane xumuruun gochaa fi mallattoo keenya ta’uu dabalata.

Caalmaatti kan nama ajaa’ibu ariitii, si’aayinaa fi humna caalmaa biyyattiin pirojeektii guddaa tokko irraa gara pirojeektota gurguddoo birootti ittiin ceetuu dha.

Itiyoophiyaan har’a hoggansa cimaa abjuuwwan gurguddoo karoorsee yeroo gabaabaa keessatti qabatamaatti jijjiiruuf ga’umsa qabu fi uummata kutataa tokkoo tokkoo imala jijiiramaa cina hiriire ta’uu ishee qabatamaan mirkaneessiteetti .

Bu’aaleen guyyaa guyyaan labSaman Itiyoophiyaan humna hojii guddaa fi wal xaxaa ta’e kamuu raawwachuu akka uummatte argisiisu.

Aadaan kan eegalle xumuruu fi kan xumurre ammoo dhaloota itti aanuuf dabarsuu biyya keenyatti ijaaramaa dhufuun Itiyoophiyaa boruuf abdii guddaa kenneera.

Eebba pirojektota kanneenii irratti hoggantoonni biyyoota naannawa keenyaa argamuun bu’aan isaa olaanaa dha.

Hojiiwwan misoomaa Itiyoophiyaan hojjettu hundi ishee irra darbanii olloota ishee kan ga’an fi naannawicha fayyadamummaa waloon kan walitti hidhan ta’u hojiin argisiisteetti.

Maddi humna qilleensaa Ayishaa -2 Koridera qilleensaa baha Afrikaa isa guddaa iratti ijaaramun, Itiyoophiyaa giddu gala humna Haaromfamaa naannawichaa taasisuun imala ishee seena qabeessa imala ishee ariifachiisuu dha.

Dhiyeessiin humna ibsaa amansiisaan kun indaastiriiwwan biyya keenyaa qofaaf osoo hin taane, walitti hidhamiinsa dinagdee biyyoota naaannawichaaf lafee dugdaa ti.

Bu’uurri misoomaa dinagdee tekinooloojiin hogganamuu fi ce’umsa fijiitaalaaf murteessaa ta’e kun riqicha nagaa Obbolummaa uummattoota gidduu jiru cimsu ta’ee tajaajila.

Itoophiyaan humna maddisiistee biyyoota ollaatiif raabsuun, mootora diinagdee naannawichaa ta’uuf waadaa galte ba’aa jirti.

Biyyi keenya humna qulqulluu lageen, qilleensaa fi hurka lafa kessaa irraa maddisiistuun sadarkaa addunyaatti hoggantuu misooma magariisaa ta’aa dhuufteetti.

Hojiiwwan kunniin wabii humnaa mirkanessuu bira darbee, sadarkaa addunyaatti imala gaazii faalaa ittisuu keessatti ga’ee mataa ishee kan itti mul’istee dha.

Walumaa gala naannoowwan kaleessa waraanaan beekaman har’a fakkeenya misoomaa ta’uun nageenyi biyyi keenya ijaaraa jirtu misoomaaf dagalee ta’uu mirkaneessa.

Itoophiyaan kan karoorsitu qofa osoo hin taane karoora ishee hojii qabatamaatti kan hiiktu, abdii misoomaa naannichaa kan haaressitu fi biyya kutattuu jajannaa Afrikaanotaa taatee itti fuftuu dha.

Piroojeektonni eebbifaman ambaalee keenya badhaadhina ishee boruu ittiin mirkaneessinuu dha,

Mootummaan biyyoota naannawichaa waliin ta’uun hojii badhaadhina waloof hojjetu cimsee itti fufa.

Uummanni keenya jijiiramaa seenaa kana sirnaan hubachuun fi hojii caaluuf kaka’uun olka’iinsa biyya keenyaa akka mirkaneessu waamicha dhiyeessina.

Itiyoophiyaan naannwichatti ifa badhaadhinaa, Afrikaatyi ammoo giddugala humna haaromfamaa taatee itti fufti.

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment