Finfinnee, Caamsaa 9, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan Hubannoo namtolchee, bu’uuraalee misooma Diijitaalaa fi dagaagina ogummaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy Ahimad waltajjii Hubannoo Namtolchee Afrikaa mata duree ‘Hubannoon namtolchee badhaadhinaa fi tumsa’ Afrikaaf jedhuun gaggeeffamaa jirurratti hirmaataniiru.
Afrikaan hubannoo namtolchee biyya keessaan durfamaa badhaadhina hundagaleessaa galmeessuun galmoota Afrikaa 2063 milkeessuuf hojjetaa jirti jedhan haasawa waltajjicharratti taasiisaniin.
Itiyoophiyaan damee hubannoo namtolcheen adda duree ta’uu jiraachuu himaniiru.
Sagantaaleen akka Waraqaa Eenyummeessaa Diijitaalaa Biyyaalessaa, Inisheetiviin Leenjii Koodarsii miiliyoona 5, akkasumas hojiin Tajaajiloota Mootummaa gara Diijitaalaatti galchuu hojjetamaa jiran mul’ata Itiyoophiyaa qabatamaan dhugoomsaa jiraachuu kaasaniiru.