Itiyoophiyaan ijaarsa Piroojektii guddaa Gabbisa Niwukilaraa yeroo dhiyootti ni eegalti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 4, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan yeroo dhihootti ijaarsa Piroojektii gabbisa niiwukilaraa kaayyoo nagaaf oolu kan Hidha Haaromsaa waliin walsimu ni eegalli jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Warshaan oomisha Boba’aa marsaan jalqabaa yeroo dhiyootti akka eebbifamu eeran.

Adeemsi boba’aa baasuus kan jalqabu ta’uu himuun waaarshaa biraa guddaan ta’es akka kan eegalamu ta’uu eeran.

Waliigalaan Piroojektoonni baajata Doolaara biiliyoona 30 oliin hojjetaman ni eegalamu jedhan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment