Finfinnee, Fulbaana 7, 2018(FMC)-Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin Itiyoophiyaan ilmaan isheen kallattii hundaan akka milkooftu Hidhi Guddichi Haaromsaa agarsistuudha jedhan.
Obbo Awwaluu Abdii eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsaa magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa jiru irratti haasawa taasisaniin, Hidhi Haaroomsaa Itiyoophiyaa tokkummaa ummaata Itiyoophiyaan as gahe hojiiwwaan misoomaa biroorrattis itti fufuu qaba jedhan.
Mootummaan jijjiiramaa hawwii fi fedhii lammiilee bara dheeraa kan ture Hidha Haaroomsaa Itiyoophiyaa tumsa lammiileen xumursiisuun galmaan gahuus ibsaniiru.
Rakkao keessaa fi alaa nuu mudachaa ture damdamachuun injifannoo kana galmeesisuun keenya tokkummaa ummaata Itiyoophiyaa kan agarsisudha jedhan.
Itiyoophiyaan akkuma har’aa gara fuuladuraattis ilmaan isheetiin kallattii hundaan akka milkooftu Hidhi Haaromsaa agarsistuu ta’uus eeraniiru.
Akkuma Hidha Haaroomsaa gamtaan xumurre dhimma gaaffii Ulaa Galaanaa irrattis hundi keenya gahee keenya bahachuu qabna jedhaniiru.
Miidhagsaa Qachaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.