Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan imala haaromsaa dinqisiisaa ta’erratti argamti jedhan Pireezidaantii Itti aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Itti aanaan Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetiimaa waliin dhimmoota gam-lameefi ardiirratti mari’achuun isaanii kan yaadatamudha.
Kaashiim Sheetiimaan Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa haaromfamee daawwattootaaf banaa taasifame daawwataniiru.
Ergaa yaadannoo galmee kabajaa irratti barreessaniin, Masaraan Mootummaa Biyyaalessaa seenaa guddaadha jedhan.
Itiyoophiyaan Afrikaarraa biyya hin koloneeffatamne ta’uu yaadachiisuun, imala haaromsaa dinqisiisaarratti kan argamtu ta’uus ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.