Itiyoophiyaan invastimantiifi tumsaaf biyya filatamtuu ta’aa dhufteetti – Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee, Ebla 14, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan invastimantiifi tumsaaf biyya filatamtuu ta’aa dhufteetti jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan saglan dabanii ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen dippiloomaasii milkaa’ina qaban hedduun hojjetamuu ibsaniiru.

Waltajjiiwwan idil-addunyaafi gamlameerratti ajandaa Itiyoophiyaa isa olaanaa kan ta’e dhimmi ulaa galaanaa ajandaa guddaa ta’aa dhufuu kaasaniiru.

Ajandaa kana qaamoleen garaagaraa beekaafi hubachaa dhufuufi gara yaada waloon furmaata barbaanna jechuutti dhufaa jiraachuu dubbatanii, kunis milkaa’ina olaanaadha jedhan.

Dhiibbaa dippiloomaasii ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa irra ture dandamachuun hidhicha xumuruun milkaa’ina dippiloomaasii biraa ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan miseensa guutuu garee BRICS Plus taatee filatamuun fi hirmaannaa gochuu eegaluunis injifannoo dippiloomaasii guddaa akka ta’e kaasanii, Itiyoophiyaan invastimantiifi tumsaaf biyya barbaadamtu ta’aa dhufuu eeraniiru.

Biyyoonni dhiyoofi fagoo Itiyoophiyaa tumsaaf barbaadaa; hariiroo Itiyoophiyaa waliin qaban cimsuuf tattaaffii gochaa akka jiran kaasaniiru.

Hariiroo dippiloomaasii gamhedduunis milkaa’inoonni dhiibbaa uumtummaa Itiyoophiyaa dabalan argamuu ibsaniiru.

Bu’aaleen riifoormii diinagdeen argaman, qabeenyawwan uumamaa gara bu’aatti jijjiiramuun, akkasumas hojiileen guddina magariisaafi eegumsa naannoonfi kanneen biroon hojjetaman biyyoonni biroon Itiyoophiyaa tumsaaf akka filatan qooda bahachuu eeraniiru.

Akka waliigalaatti hojiileen dameewwan diinagdee, ijaarsa dhaabbilee fi eegumsa naannoon hojjetaman milkaa’ina dippiloomaasii Itiyoophiyaaf gahee olaanaa bahataniiru jedhan.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment