Itiyoophiyaan kaateetti kanaan booda duubatti hin deebitu _ Dooktar Abiy Ahimad

Qaammee 4, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan kaateetti kanaan booda duubatti hin deebitu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad Qaammee 4 Guyyaa bayyanachuu sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin,Itiyoophiyaan kaateetti. Kana booda duubatti hin deebitu jedhan.

Imalli bayyanannashee kun misooma dinagdee waaraatiin kan deeggarame ta’uu akka qabu himan.

Keessumaa dameewwan albuudaa, tuuriizimii, qonnaa, homishtummaafi ‘ICT’ n bu’aawwan olaanaa galmeessisaa ittifufuu qabna.

Qabeenyaa guddina keenyaaf gargaaraa ta’u uumuufi galii walitti qabuu qaban jechuun ibsaniiru.

Galiifi qabeenya guddinni keenya maddisiisu haalaan walitti qabnee, qusannee galma badhaadhina keenyaatiif fayyadamuu qabna.

Riifoormii Diinagdee gooroo eegalle saffisisuun milkeessinee bayyanannaan Itiyoophiyaa gara badhaadhina waaraa Itiyoophiyaatti akka jijjiiramu ni taasifna jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment