Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota Mana Maree Bakka Bu’uuta ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Itiyoophiyaan damee Albuudaan bu’aa olaanaa galmeessaa jirti jedhan.
Itiyoophiyaan naannawaa Somaalee bakka warshaan itti jalqabe qofatti kuufama boba’aa Meetirik Kiyuubii tiriiliyoona 21 akka qabdu qorannoon mirkanaa’eera jechuun ibsan.
Warshaan boba’aa boqonnaa 2ffaan baatiwwan 4 itti aanan keessatti xumuruun hojii akka eegaluu ibsan.
Piroojektiin boba’aa gaazii calalu boqonnaa 2ffaanis yeroo dhiyootti kan eebbifamu ta’uu eeran.
Warshaalee kanneen hojiitti galchuun gatii boba’aa hir’isuuf mootummaan hojiilee eegale caalmaatti cimsee itti fufa jedhan.
Warshaan oomisha Xaa’oo Daangooteen eegalame xaa’oo kuntaala miiliyoona 30 oomishuu akka danda’u ibsan.
Xaa’oon oomishaman akkaataa haala qilleensaa fi biyyoo jiru bu’uura taasiisuun kan oomishaman ta’uu kaasan.
Piroojektoonni naannawaa Oomisha Xaa’oo fi Boba’aatti eegalaman rakkoolee Faayinaansii kan qabneef yeroo jedhaman keessatti kan xumuraman ta’uu mirkaneessan.
Oomishaalee Simmintoon tasgabbii mul’ate caalmaatti cimsuuf ni hojjetama jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.